Yaalii COVID-19

Yoo ho’a qaamaa, qufaa yokiin mallattoolee biraa qabda tahe covid-19 qabaachuu malta. Mallattooleen kan nama irratti mullatu guyyaa vaayirasii saniif saaxilaman booda guyyoota 2-14 tti. Namoonni hedduun dhukkubbii salphaa kan qabanii fi manumatti kophaatti bahuun wayyaahu.

Yeroo tam yaala fayyaa barbaadda

Mallattoolee akeekkachiisa balaa tasaa covid-19 ilaali. Yoo namni mallattolee kanniin mullisu jiraate yaala hattamaa barbaadi yokiin yeruma sanatti 911 bilbili.

  • Harganuuf rakkachuu.
  • Dhukkubbii itti fufinsa qabu yokiin qoma keessatti dhiibbaan dhukkubbii sitti dhagahamuu.
  • Bursaasahuu yokiin lafa ka’uu dadhabuu.
  • Fuulaa fi hidhiin nama cuquliisawuu.

Tarreeffamni kun kan waan hundu of keessatti hammatee miti. Qaamaan deemuun dura dhiheessitoota yaalaa keetiif bilbili. Mallattoolee qabdu hunda yeroo himteef isaan qaceelfama if eeguuf si gargaaranii fi dhukkubsattoota biraallee eeguuf gargaaran siif kennu.

COVID-19 medications

People with underlying health conditions or a weakened immune system may benefit from COVID-19 medications. Treatment needs to start as early as possible, so talk to a health care provider right away if you test positive. A health care provider will help determine which medication is best for you. Learn more.

Yaalaaf qoratamuu (Test to Treat)

Qoratamaa yaalamuun sagantaa akka biyyaatti jiruu fi bakka covid-19 itti qoratamuun yoo poozitivii taate achumatti dhiheessitoonni si qunnamaniidha. Yoo yaalamuuf carroomte achumatti qoricha fuchachuu fi siifiis ajajamuun danda’ama. Maaloo qorichoota dhiheenya kana fudhachaa jirtu iddoo beellamaa sanatti fidii koottu. Dhukkubsataan yaala barbaadu iddoo sana sa’aatii tokkoof turuuf karoorsuu qaba. Iddooleen kun muraasni duursanii beellama qabachuu gaafatu.

Dhiheessitoota barbaaaduuf waan fayyadamtu ‘Test to treat locator' (agarsiiftuu iddoo qoratamaa yaalamuu) fayyadami.

Yaalii covid-19 toora sagantaa Teleheath jedhamuun

Namni minisootaa keessa jiraatuu fi qoratamee poositivii tahe tokko yaalii yaalaa bilisaa karaa sagantaa telehealth jedhamuu fi Biiroo fayyaa Minisootaan dhihaatu fudhachuu dandaya and Cue Health. Kunuunsi toora sagantaa Telehealth jedhamuun kennamu iddoo jireenyaa fi haala lammummaa ilaalcha keessa osoo hin galchin namoota Minisootaa keessa jiraatan hundaaf ni jira. Xalayaan eenyummaa hin barbaachisu (hin gaafatamu). Tajaajila bilisaan argatta.

Argachuuf:

  • Guyyoota shanan darbanitti qoratamtee poositivii taatee.
  • Mallattoon guyyoota shanan dabran kana keessatti yoo si eegalte.

To speak with someone in Espanol, Af-Soomaali, Lus Hmoob, ကညီက ျိ (Karen), Afaan Oromoo, አማርኛ (Amharic), Tiếng Việt, عربي (Arabic), 官话 (Chinese Mandarin), Русский (Russian), and Français, call 1-844-609-2415.

Get treatment