Odeeffannoo fayyaa
Odeeffannoo amanamoo dhimma covid-19, qoratamuu fi yoo si dhukkube maal gochuu akka qabduu.
COVID-19 Yoo Ofirratti Argitan Maal Gochuu Akka Qabdan
Mallattoo ofi irratti arguu yoo baattan yokiin osooma talaalamtan ta’ee illee COVID-19 ‘n qabamtan taanaan kanneen birootti dabarsuu ni dandeessu. Kanneen biroo irraa adda of baasuun (Kophaatti of baasuun) qajeelfamoota armaan gadii hordofuun barbaachisaadha.
Odeeffannoo qoratamuu fi namarraa kophaa if baasuu.
Qoratamuu
Covid-19 qoratamuun kan gorfamu yoo nama dhibee sana qabu waliin wal argan, mallattoon yoo irratti argame, yoo imalee fi yoo bakka sagantaa rakkoof nama saaxiluu malu irratti argame.
- COVID-19 testing recommendations
- Yeroo Bu’aa Qorannoo COVID-19 Eegaa jirtanitti Kanneen Gochuu Qabdan
- Odeeffannoo qoratamuu fi iddoolee isaa
Yoo si dhukkube, yokiin yoo poozitivii taate.
Odeeffannoo yoo toora nama covid-19 qabuu jiraattee mana turuu barbaadde akkasuma yoo dhukkubicha qoratamtee poositivii taatee si dhukkube namarraa fagaachuu barbaaaddee. Erga dhukkubichaaf saaxilamte booda hamma namarraa adda baatee turuu qabdu irratti hubannoo gahaa argadhu.
Mallattoo Covid-19’n booda
Kun yeroo namoonni sababa dhibee virus covid-19 isaan qabee turuutiin dhibee saniin erga miidhaman booda mallattoolee torbaa afur yokiin sanaa ol turu agarsiisaniidha. Mallattoon kun haarawa, kan dabree dabree mullatu yokiin kan itti fufinsaan mullatuus tahuu danda’a. Mallattoon kun ji’ootaaf kan turu yoo tahu inniis salphaa hamma cimaatti tahuu danda’a.
Mallattoo Covid-19’n booda eenyuutu qabaatuu mala?
Namoonni kamuu, ijoollee dabalatee, kan dhibee vaayirasii covid-19 poositivii tahe mallattoo kana qabaatuu mala. Mallattoon Covid-19’n boodaa kun irra caalatti namoota baayyee dhukkubni itti cime irratti kan mullatu tahuus namoota mallattoo hin qabnee fi kan salphaa qaban irrattillee mullachuu danda’a. Namoonni talaallii fudhatan yeroo kamittillee covid-19’n poozitivii yoo tahaniyyuu Mallattoon Covid-19’n boodaa kana agarsiisuuf carraan jiru xiqqaadha.
Mallattoo / Symptoms
Haalli Mallattoo Covid-19’n boodaa kana ittiin qoratanii adda baasan waan hin jirreef mallattoo ifirratti beekuun baayyee barbaachisaadha. Mallattoon Covid-19’n booda mullatu kun namaa fi namatti garaagarummaa qabaachuu danda’a. Namni tokko mallattoollee adda addaa yeroo tokkotti qabaachuu mala. allattooleentee sun jireenya kee irratti dhiibbaa uumti tahe dhiheessitpoota yaala keetii dubbisi. Mallattoo Covid-19’n booda dhufan ballinaan baradhu.
Yaalii fi gargaarsa
Ogeessonni fayyaa sababaa fi yaalii Mallattoo Covid-19’n booda dhufan irratti qoranaa gochaa jiru. yoo Mallattoo Covid-19’n booda qabda tahe gargaarsi fayyaa fi hawaasummaa argattu jiraachuu malu. Filannoo gargaarsa adda addaa Mallattoo Covid-19’n booda irratti jiru ballinaan baradhu.
Sababa Mallattoo Covid-19’n booda saniif hojjachuu yoo hin dandeenye
Sagantaan haarawni ‘MN RETAIN’ jedhamu hojjattoota sababa dhibee fi miidhaatiin hojjachaa hin jirre kan gargaaruudha. Sagantichi gargaarsa qopheessuun hojjattoonni akkuma irraa fooyya’aniin hujiirra akka turan yokiin hujitti akka deebi’an kan godhuudha.
- 507-284-4537 irratti bilbili.
- Barumsa dabalataatiif toora mnretain.com jedhu ilaali.
- MN RETAIN flyer.
Covid-19 irratti gaafii qabduuf deebii argachuuf
Sararoota bilbilaa gaaffilee waa’ee COVID-19 deebisuuf gargaaran.
Sarara bilbilaa gargaarsaa kan Minesootaa
Gaaffilee weerara COVID-19’n wal-qabataniif.
- 833-431-2053 (Monday, Wednesday, Friday: 9 a.m. - 5 p.m., Tuesday, Thursday: 9 a.m. to 7 p.m.)
- mn.gov/findmyvaccine
Sarara bilbilaa COVID-19 kan baqattoota fi godaantotaa
- 651-318-0989 (Wiixataa – Jimaataa, 9 a.m. - 5 p.m.)
Minnesota Department of Human Services Resettlement Network
Hotline namoonni baqataan kamuu odeeffnnoo covid-19 kan sirrii fi yeroo akka argatan ni dhugoomsa.
- Wixataa- Jimaataa Sa’aa 9WD-5WB 651-318-0989 irratti bilbili.
- Odeeffannoo dabalataa (PDF)
Minnesota Department of Human Rights
Addaan qooduu sararaa gargaarsaa
Toora (Weebsaayitii) Odeeffannoo
Weebsaayitii odeeffannoo amanamoo covid-19 irratti.
- #StaySafeMN media in Oromo - Minnesota Governor's Office
Gargaarsa Kafaltii awwaalcha nama covid-19 du’eef
Kafaltii awwaalcha nama covid-19 du’eef kan ifii baaftu yoo tahe FEMA si gargaaruu dandaya. Awwaalcha tokkoof hamma $9000 argachuu dandeessa.
Iyyata galfachuuf
Gargaarsa FEMA’S COVID-19 jedhu irratti lakkoofsa 1-844-684-6333 (TTY: 800-462-7585) fayyadamuun bilbili.
- Kan jiru WD sa’aa 8 hanga WB sa’aa 8tti.
- Tajaajilli afaanii ni jira.