The county is open for business and here to serve our community. More information
Odeeffannoo Kaawuntii Raamsey afaan Oromoo
Baga gara marsariitii odeeffannoo Ramsii Kaawuntii kan afaan Oromootti nagaan dhuftan. Odeeffannoo Ramsii Kaawuntii afaan Oromootiin.
Akka qaama walqixxummaa sanyii tarkaanfachiisuuf murannoo qabuu tokkotti jiraattota sanyii fi gosa adda addaa qaban caalaatti tajaajiluuf jecha odeeffannoo dabalataa afaanota hedduudhaan kennuudhaaf hojjechaa jirra.
Jiraattonni hundi sagantaalee fi tajaajiloota
kaawuntii irratti odeeffannoo sirrii akka argatan gochuu danda'uun barbaachisaadha
Fuulonni armaan gaditti hidhaman sirrii ta’uu
mikaneessuuf kallattiin namoota afaan hiikaniin kan hiikamanidha.
Fuulonni kun odeeffannoo sagantaa bal’aa Afaan IOromootiin walqabsiisuu danda’a. fuulota kana afaanota addaa addaatiin argachuuf hiikkoo afaanii kan guugilii yokiin Hiikkoo afaanii Bing jedhu fayyadamuuf yaadi.
Ramsii kaawuntiin tajaajila hiikkaa afaanii bilbilaan afaanota 170 tahaniif ni kenna.
Tajaajilli kun kan argamu lakkoofsa bilbilaa 651-266-8500 irratti bilbiluun yoo tahu keessummeessitoonni sii fi hojjattoota kaawuntii keessa iddoo hunda jiranii fi namoota afaan siif hiikan wal qunnamsiisuuf hojjatu.
COVID-19
Tajaajilootaa fi sagantaalee
- Qabeenyota eegumsaa fi balaa
- Deggersaa fi Gargaarsa - nyaata, kiraa, kunuunsa daa'imaa, mana, maatilee, fayyaa sammuu, qacarrii, loltoota duraanii
- Fayyaa fi wal'aansa fayyaa
- Filannoo fi Filachuu
- Tilmaama Qabeenya fi Gibiraa
- Risaaykiliniin hojiirra akka oolu gochuu fi Balfa
- Dandilee fi geejjiba
- Laayibirarii Bulchiinsa Raamsee
- Paarkiwwanii fi Bashannana
- Nageenya uummataa fi seera
- Hojiilee fi carraawwan tola oolaa
- Qabeenyota daldalaa
- Waa’ee Bulchiinsa Raamsee
Wirtuuwwan(giddugala) Tajaajilaa
Wiirtuwwan Tajaajilaa kan Ramsii kaawuntii jirattootaa fi tajaajilawwan gara garaa kan wal qunnamsiisu yoo tahu isaan keessaa gargaarsa beellamaan maletti Qaamaan demuun argatan , beelama qabachuun iddoolee buufata(mana) kompitaraattii aragatanii fi sanduuqaawwan dokumantii eeggamaa keessa kaayan faa kan of keessaa qabuudha.
Ramsii kaawuntii keessatti Namoonni tajaajila walqunnamsiisuu hojjatan tajaajiloota adda addaa kaawuntii keessa jiranii fi si wal qunnamsiisuu danda’u.