Gargaarsa fi deeggarsa
Deggersaa fi Gargaarsa - nyaata, kiraa, kunuunsa daa'imaa
Tajaajilawwan deggersa maallaqaa karaa sagantaa garaa garaa jiraattota gargaarsa barbaadaniif deeggersa dhiheessudhaan maatiwwanii fi gaheessota mana hin godhatiniif gargaarsa godha.
Sagantaalee kanneen hedduu isaanii argachuuf toora oonlaayinii mnbenefits.mn.gov 651-266-4444 irratti iyyata galfadhu.
Gargaarsa Nyaataa
Sagantaan gargaarsa Nyaataa (SNAP) namoota dhunfaa fi maatiiwwaan galii gadi aanaa qaban nyaata barbaadanii fi madaalawaa ta’e akka argataniif isaan gargaara.
Gargaarsa Maallaqaa
Jiraattonni galii gadi aanaa qaban karaa sagantaalee gosa adda addaa jiraniin argachuumalu.
Gargaarsa Hatattamaa
Sagantaan Gargaarsa Hatattamaa namoota dhunfaa fi maatiwwan galiin isaanii gargaarsa kana argachuudhaaf ulaagaa guutan fi kan qusannaan jalaa manca’e, kuufama kiraa, Moorgeejii fi kafaltii itti fayyadama manaa wajjiin walqabatu(utilities) kan yeroon itti dabre warreen qaban kan gargaarudha.
Gargaarsa Kunuunsa Daa’immanii
Sagantaan Gargaarsa Kunuunsa Daa’immanii maatiwwan galii gadi aanaa argatan kafaltii kunuunsa daa’imaa akka kafalatan isaaniif gargaarsa gochuun maatiwwan hojii yookin barnoota isaanii akka itti fufinsaan hordofaniif gargaara.
Tasgabbii Mana Jireenyaa
Tasgabbiin Mana Jireenyaa namoota mana jireenyaa dhabuun rakkataa jiran, kanneen mana dhabuuf saaxilamuuf jiran yookin kanneen mana isaanii keessa turuudhaaf deggersa hatattamaa barbaadniif waan itti fayyadaman dhiyeessaaf.
Daa'immanii fi maatilee
Giddugala Kunuunsa (guddisa) Daa’immanii fi Guddifachaa
Daa’imman rakkataniif mana yeroof ykn dhaabbataadhaan kennuuf adeemsa jalqabuuf bilbilaa.
651-266-5437
Tajaajila Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddoota
Tajaajila deeggarsa qaama miidhamtootaa ykn maanguddootaa namoota dhuunfaa mana isaanii keessa akka turanii fi hawaasa isaanii keessatti akka dagaagan gargaaru argachuuf ulaagaa guutuu isaanii murteessuuf bilbili.
651-266-3613
Hayyama Kunuunsa Daa’immanii
Waa’ee hayyama kunuunsa daa’immanii mana keessatti godhamuuf fudhatamuu irratti odeeffannoo argachuuf bilbili. 651-266-3781
Miidhaa daa’imman ykn ga’eessota miidhaaf saaxilamoo ta’an irratti raawwatame yoo shakkitee jirta tahe 24/7 gabaasi.
Liinkii yokiin toora wantoota rakkoolee
xiinsammuun wal qabatan itti argannu.
Deeggarsa daa’immanii
Deeggarsi maallaqaa fi xiinsammuu maatii lachuun godhamu sirnaan guddachuu daa’immaniif ni gargaara.
Fayyaa sammuu
Giddugala Fayyaa Sammuu
Tajaajila osoo hin beellamannetti qaamaan dhaquu(walk in), tajaajila yeroo gabaabaa fi tajaajila namni eeruun(referral service) godhamu namoota rakkoo fayyaa sammuun dararaa qaban ykn fayyadama wantoota sammuu nama hadoochan(muusessituu) wajjin rakkataniif godhamu.
Wiirtuu Itti Waanta Summaa’aa Nama Keessaa Baasan
Giddugala Qoricha sammuu nama hadoochuu(muusessituu) sana sammuu namaa
keessaa ittiin qulqulleessan.
Namoonni dhunfaa mallattoolee machaa’uu akka tohatan ykn alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochu akka ofirraa dhiisan gargaara.
Deeggarsa argadhu
Gargaarsa rakkoo fayyaa sammuutiif guyyaa torbanuu sa’aatii 24.
Gargaarsa Hojii
Deeggarsi hojii bilisaa kan akka workishooppii, leenjii fi toora oonlaayiniitiin hujii qabsiisuu karaa Ramsii kaawuntiitii fi michuu tajaajila keenyaa,Minnesota CareerForce jedhamaniin ni argama (ramseycounty.us/JobConnect)
Gorsitoonni hojii qacarrii, leenjii, af-gaaffii fi gargaarsa iyyannoo qopheessuutiin hojii barbaaddotaa fi hojjechiistota walitti hidhuudhaaf hojjetu.
Bakkeewwan tajaajilaa
- CareerForce Seenpool keeysa kan jiru (karaawwan Fairview & Yuniversity irratti argamu)
- Giddugala Mootummaa Ramsii kaawuntii kan Bahaa
Tajaajila Namoota waraana keessatti hirmaachuun dirqama bahaniif kennamu.
Offisaroonni Tajaajila namoota waraana keessatti hirmaachuun dirqama isaanii bahanii kan Ramsii Kaawuntii, Ramsey County Veterans Service Officers(VSOs), qaceelfamaa fi gargaarsa loltoonni duraanii fi namoonni isaan irratti irkachuun jiraatan toora, naannoo fi Federaalaatti akka faayidaatti arkachuu dandayan ilaalchisee