Namoonni miliyoona 1.5 ol ta’an waggaa waggaatti bakkeewwan mana kitaabaa torba ta’anii fi Ramsii kaawuntii keessa jiran daawwatu.Tokkoon tokkoon bakkeewwan sanaa meeshaalee addaa danuu, koompitara ummataa, tajaajiloota, dareelee fi taateewwan(sagantaa) namoota umrii hundaaf qophaawan ni dhiheessu.Bakkeewwan sa’aatii wajjiinii fi kalaandariisagantaa(taatewwanii) guutuu isaaf toora rclreads.org daawwadhaa.
- Maappilwuud
- Maawundisviiw
- Niwubiraayitan
- kaaba Seenpool
- Roosveel
- Shoorviiw
- Waayitbiir Leek
Kaardii Mana Kitaabaa kee kan Ramsii kaawuntii iddoolee mana kitaabaa ummataa(hawaasaa) tahee fi naannoo meetiroo jedhamutti argamu, Mana Kitaabaa Uummataa Seenpool dabalatee, kamittuu fayyadamuu dandeessa.
Mana Kitaabaa Seeraa
Manni Kitaabaa Seeraa Ramsii kaawuntii kan Senpool keessa galma magaalaa seempool keessatti argamuu fi Ramsey county court house jedhamu jiraattotaaf odeeffannoo bilisaa dhimma seeraan wal qabatanii fi gargaarsa ni kenna.